Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad jiraattoota godina Matakkal waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC)-Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad jiraattoota naannoo Beenishaanguul Gumuuz godina Matakkal waliin mari’ataniiru.

Waltajji marichaarratti preezdaantii naannoo Beenishaaniguul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan , Ministira Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil, eetaamaajoorri waliigalaa raayyaa ittisa biyyaa FDRI Jeneraal Birihaanuu Juulaa fi hoggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.

Rakkoo nageenyaa naannichaa furuuf haala dandeessisurratti mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad, nageenyaa biyyattif filannoon jalqabaa Ityoophiyaanoonnii jibbinsaafi wal qooduurra adda ba’aanii tokkummaa fi waloo isaanii cimsuu qabu jedhaniiru.
Rakkoo nageenyaa naannichatti muudatee furuuf tattaaffiin taasifaamaa jiraatus, taatoonni rakkoo uumaan heddun jiraachuun rakkichii ariitiin akka hin dhaabbanne taasiseera jedhan.
Dooktar Abiy naannichaatti nageenya waraawaa buusuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamuu ibsaniiru.
Humnoonni miiraa keessaa galuun garee ABUT irraa ergama fudhachuun gara bosonaatti qabatan karaa nagaan akka deebi’aan taasisuuf hooggansi qaamolee ilaallatuu gurmeessee itti gaafamummaa isaanii akka ba’ataan Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.
Dabalataanis mootummaan naannicha qabeenyaa umaamaa naannichaa fayyadamuun dargaggoota hojii hin qabne gurmeessuun fayyadamoo taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.
Tarkanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan naannichaatti fudhatuurra darbe jarsooliin biyyaa, abbootiin qabeenyaa, dargaggoonnii fi dubartoonni gurmaa’insa waliin rakkoo nageenyaa godinichatti muudatee dhaabuuf tattaaffii akka taasisaan waamicha dhiyeessaaniiru.
Godina Matakkalitti rakkoo nageenyaa deeddebiin muudatuu hambiisuuf tattaffiin taasifamuus wantoota rakkichaa babal’dhisaarratti furmaataa laachuu dhabuun rakkoon nageenyaa kun hanga ammaatti itti fufuu ibsameera.

Bizuu’aleem Beenyaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.