Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Jila Invastimantii Olaanoo Saa’ud Arabiyaa waliin mari’tan

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila Invastimantii olaanoo Saa’ud Arabiyaa waliin mari’taniiru.

Mariin isaaniis misoomaa manneenii, tuuriizimii fi qonnaa, keessumaa xaa’oo biyya keessatti oomishuurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Jilli invastaroota 79 hammate Dooktar Abiy Ahimadii fi Dhaaltuun Gonfoo Saa’udii Mahaammad Biin Saalmaan, baatii Sadaasaa keessa Yaa’ii Saa’udii Afrikaa irratti marii gamlamee taasisan hordofee kan gaggeeffame ta’uun ibsameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa Eeshiyaatti taasisaa turan xumuruun gara biyyaatti deebi’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.