Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Yuunivarsiitii Arbaaminci eebbisiisan

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Yuunivarsiitii Arbaaminci eebbisiisan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, tarkaanfii dheeraan kan hafu ta’us damee fayyaan tajaajila gahaa lammiileef dhiyeessuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiru jedhan.

Hojii tajaajilaa fayyaa bu’uuraa lammiileef dhiyeessuu keessatti ogeeyyii carraaqqii taasisan galateeffataniiru.

Fuulduratti, sirna eegumsa fayyaa biyyattii ammayyeessuuf tattaaffii walirraa hincinne taasifamuuf gumaachii fi tajaajilli isaanii hedduu barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.