Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Giddugala Tajaajila Deeggarsaa Miidhamtoota Qaamaa eebbisiisan

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Giddugala Tajaajila Deeggarsa Miidhamtoota Qaamaa eebbisiisaniiru.

Dooktar Abiy giddugalichi akka hundeeffamuuf waggaa sadiin dura kallattii kennuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan umamaa fi sababa balaan kutaalee hawaasaa miidhamtoota qaamaa ta’an biyya keessatti meeshaalee deeggarsaa oomishuu fi dhiyeessuuf kan hundeeffameedha.

Giddugalli Tajaajila Deeggarsa Miidhamtoota Qaamaa Itiyoophiyaa teeknooloojiiwwan deeggarsaa oomishuu, haaromsuu fi dhiyeessuun, tajaajila qulqullina qabuu fi fayyadamtoota giddugaleeffachuun hojjetaman hawaasaaf kan kennu ta’uu ragaan Wajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.