Dooktar Abiy Ahimad Giddugala Guddisa Daa’imman Abdii Borii Oromiyaa eebbisiisan
Finfinne, Mudde 5, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Giddugala Guddisa Daa’imman Abdii Borii Oromiyaa eebbisiisaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti Itiyoophiyaatti pirojektoota meeggaa ijaaramaa jiran cinaatti hojiileen jireenya lammiilee galii gadaanaa argatanii fooyyessuu hedduun gaggeeffameera.
Har’as michuu Itiyoophiyaa kan ta’an deeggarsa Pireezidaantii Gamtaa Emereetotaa Arabaa Sheek Mahaammad Biin Zayiid Alnahiyaaniin kan ijaarame Giddugalaa Guddisa Daa’imman Abdii Borii Oromiyaa eebbisiisuu dubbataniiru.
Giddugalichi daa’imman maatii hinqabnee fi rakkoo keessatti argaman guddisuu bira darbee agarsiistuu walta’iinsa biyyoota lameenii ta’uu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia