Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Biilgeetis waliin kilaastara qamadii fi horsiisa lukkuu daawwatan

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Sooressa Addunyaa Biilgeetis waliin kilaastara misooma qamadii fi horsiisa lukkuu daawwataniiru.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin Biil Geet bara 2010 booda yeroo 2ffaaf gara Itiyoophiyaatti baga nagaan dhuftan jechuun simataniiru.

Faawundeeshiniin Biilii fi Meeliindaa Geetis tattaaffiiwwan damee qonnaa, fayyaa fi faayinaansii hirmaachisaa taasisuuf deeggarsa addaan hincinne taasisaniif galateeffataniiru.

Har’as, daawwannaan kilaastara misooma qamadii fi horsiisa lukkuu taasisan, daandii Itiyoophiyaan wabii nyaataan of danda’uuf qabatte wayita cimsaa jirtutti ta’uun walta’iinsa jiru daran kan cimsudha jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.