Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Qillee ilaalchisee ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimd Ayyaanaa Qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Erga isaaniin baga Ayyaana Dhalachuu Iyyesuus Kiristoos Geessan jedhan.

Akkumaa Kitabni qulqulluun jedhu Waaqaa waliin kan wal lole dhala namaati.

Araaraa buusee nagaa labsuuf hanga dallaa looniitti kan dhufe garuu Waaqa turee jedhan.

Akka barsiisa kitaaba qulqulluutti Waaqni hundaa danda’aa, mo’ataa, kan isaaf dadhabae tokkollee kan hijirreedha.

Mo’ataa ta’us akka mo’amaatti, humna qabaatus akka humna dhaabatti, hunda qabeessa ta’us, gadi of deebisuun ta’us, araaraa fi nagaaf jecha bakka isaaf hinmalle dhufuu kaasaniiru.

Kun hundi ammoo nagaa fi araaraaf gatii olaanaa baafameedha jedhan.

Waaqni araaraa fi nagaaf jecha iddoo gadi deebi’aa fi Magaalaa tuffatamtuu Beeteeliheemitti dallaa loonii keessatti argamuun kan isaanii gales kan hingalleefis turaniiru jedhan.

Kanneen isaanii gale, Ergamoonni “Nagaa fi Araarri biyya lafaaf haa ta’u” jechuun yoo faarsan, Baha Biiftuurraa urjii hordofanii, kennaa qabatanii dhufan, mooraa isaanii gadi lakkisanii Maariyaamii fi Iyyesuus Kiristoosiif bakka kennan, ergmaa Waaqaa hordofuun gara mooraa loonii dhaquun araaraa fi nagaaf galateeffachuu himan.

Kanneen isaaniif hingalle, yeroo nagaa fi araarri labsamutti rafaa turan; mootonni safaraa kanneen akka Heeroodos fa’aan aangoon isaanii isaan dhiphisaa ture, namoonni Yihuudaa, Addunyaan jijjiramaa jiraattus isaan garuu jijjiirama ta’aa jiru hinargan hindhaganis turan.

Ergamoota Waaqaan wayita raajiin ta’u, isaan garuu hirribaan mo’amanii turan.

Wayita rafan Magaalaan isaanii Beeteliheem jijjiiramteetti. Seenaan jijjiiramee magaalaa xiqqoo ta’un hafeera.

Dabalataan nagaa fi araara wayita jedhamu akka mallattoo humna dhabeessaatti ilaalan.

Waraana baraniiniin, ajjeessuu fi balleesuu akka gootummaatti ilaalu turan.

Nagaan dadhabina, araarri mo’amuu akka isaaniitti fakkaachaa ture kaasan.
Kanaaf halkan walakkaa, daallaa loonii keessaa nagaa fi araara dhufee salphisne hinilaallu jechuun Heeroodos fa’aan waraanaaf ka’an.

Nagaa adamsan; daa’imman nagaa ajjeessan.
Heeroodoos ummataa isaa ajjeesuu fi cabsuuf nama diinaan muudame ture. Kan raawwachiisaa tures kaayyoo diinota Israa’el ture.

Wayita ayyaanaa kana kabajnu, kanneen gara warra nagaa yookaan araara jaallatanii ta’uuni jedhan.

Yookaan ammoo gama warraa nagaa fi araaraa barbaadaniiti jedhaniiru.

Mootumman nagaa fi araaraa irra deddeebiin kan labsuuf humna dhabuurraan ka’ee miti jedhan.

Mootummaan huma hundaa qabaatus, barootaatti kan ce’u, seenaa kan jijjiiru, furmaata bara xumuramuu rakkoo fi gadadamaa ta’uu isaaniirraan kan ka’e nagaa fi araaraa hundarra caalchisuu ibsan.

Hunda mo’ataa, hunda ceesisaa akka taasisu ibsanii, godaannisa utuu hinta’iin madaa balleessu, dhalootaaf haaloo utuu hintaane gammachuu kan dhaalchisu fi badiisarraa kan baraaru jedhan.

Daandiin nagaa fi araaraa kan filatamuufis kanaafi jedhaniiru.

Nagaa fi araara filachuun, abbaa mul’itaa, Injifannoo Guutuu fi Jabaa ta’etti nama ceesisa.

Waaqayyoon waan hunda raawwachuu danda’a ture.Nagaa labsaa gara Mooraa Horii kan dhufe garuu humna isaati.

Ijoolleen addaam sagannatiitti yoo dhalatan Ilmi Waaqaa mooraa keessatti dhalate.

Waaqayyoon nagaa fi araaraaf jecha Beeteliheem hanga Qaraaniyootti wareegama kaffale jedhan Dooktar Abiy ergaa isaaniin.

Hunda kan ta’e nageenyi humnaan osoo hin taane daandii jaalalaan akka dhufu ni beeka.

Nagaa fi araaraaf mo’amuun injifannoo guutuun akka jiru ni amana.
Meeshaa diinaa kan ture xumura Heeroodis ilaaludha.

Nagaa fi araaraaf dugda kan laataan dhuma Namoota Magaalaa Beetaliheem yaaduudha.

Waaqayyoon hanga Mooraatti waayita isaan barbaadu dhagahaa hin turre.

Waggoota booda waayita humnaan isaan daawwatu garuu barbaadanii argachuu hin dandeenye, manni isaanii duwwaa ta’ee hafe.

Xummurri kanneen Nageenyaa fi araara hin barbaannes kanamu jedhan.

Hundi yeroo qaba. Yerootti fayyadamuun qooda abshaalotaati.
Harki nageenyaaf diriire akkuma diriireetti hin hafu.
Nageenyaaf jecha gara dacheetti kan bu’an hundi akkuma bu’anitti hin hafan.

Nagaaf jecha kan dadhabaa fakkaatan hundi, humni isaanii yeroo isaa eeggatee ni mul’ata. Barreeffamni Gidgiddaa ni mul’ata. Gogaan hin maramne sun ni marama.

Kanneen nageenyaaf jecha gatii kaffaltan, Kan salphattanii fi qaanooftan barachuu qabdu.

Meeshaalee Diinaa kan ta’an Heeroodisoonni ajjeeffamanis, namoonni Beetaliheem didanis, namoonni beekaa jedhaman Ayihudoonni qoosanis, nageenyaaf gatii kaffaluun bu’aa qaba jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga ayyaana qillee geessanii dabarsaniin.

Ayyaana kana yommuu kabajnu nagaa fi araarri biyya keenya keessatti akka bu’uuf warri nagaa sadeen ga’ee keessan akka baatan waamicha isiniif dhiheessa jedhan.

Walmoo’achuu caalaa hundi keenya nageenyaaf osoo moo’amne injifataa taana jechuun ibsaniiru.

Mootummaan daandii nageenyaaf dursa kenna.kanneen nageenyaaf hojjetan hunda waliin ni hojjeta.

Wareegama nageenyaaf kaffalamuuf gatii ni kenna.
Baga nagaan Ayyaana Qillee geessan jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.