Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Aarbaa Mincitti haala Piroojektiin maaddiin dhalootaf irra jiru daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Aarbaa Mincitti haala Piroojektiin maaddiin dhalootaf irra jiru daawwataniiru.

Aarbaa Minci biqiltoota Kuduraa garaagaraa, Sinbirroowwa dinqisiisoo, Gaarreen ajaa’ibsiisoo, qabeenya burqaa bishaaniin kan badhaate bakka ga’umsaa daraan barbaachiiftuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Kennaa dilbaa uumamaa abdii guddaa akka nuuf kennu qabeenya kuufamaa naannawaa jiru guutuutti itti fayyadamuu dhabuun waan nama gaabbisiisudha jedhan.

Piroojektiin Maaddiin biyyaaf lammiileen Itiyoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan jannata lafarra jirtu kana keessaa qooda bitachuun invastii akka godhan carraa kan kennuudha jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.