Dooktar Abiy Abbootii Amantaa Ortodoksii Waloomaa waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Abbootii Amantaa Ortodoksii Waloomaa kutaalee biyyattii garaagaraarraa dhufan waliin mari’ataniiru.
Abbootiin amantaalee hawaasa keessatti shoora olaanaa qabaachuu Dooktar Abiy ibsaniiru.
Dooktar Abiy mariin kutaalee hawaasaa waliin taasiisan itti fufuu eeruun, har’as abbootii Amantaa Ortodoksii waloomaa kutaalee biyyattii garaagaraarraa dhufan waloon mari’achuu himaniiru.
Dhimmoota nageenyaa, misoomaa fi rakkoo keessaa mana amantaa Kiristiyaanaa keessatti mudatan ilaachisee marii bal’aa taasiisuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Abbootiin amantaa nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti qooda isaan qaban ilaachisees mari’achuu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia