Fana: At a Speed of Life!

Dodolaatti pirojektonni Birrii miiliyoona 36’n hojjataman eebbaaf qophaa’an

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC)- Magaalaa Dodolaatti pirojektoonni Birrii miiliyoona 36’n hojjataman eebbaaf qophaa’uun ibsame.
Pirojektoonni kunneen gamoo bulchiinsaa, iddoo horsiisa beeyladaa fi lukkuu, daandiiwwan keessa keessaa fi kanneen biroo ta’uu himameera.

Kantiibaan Magaalaa Dodolaa Obbo Ayyuub Dullee pirojeektonni xumuraman kunneen rakkoo bulchiinsa gaarii fi gaaffii hawaasa magaalattii turuu yaadachiisuun, dargaggoota hedduuf carraa hojii kan uuman ta’uu himaniiru.

Pirojeektonni kunneenhaaraya fi bara darbee kan eegalaman ta’uu ibsanii, pirojektoonni kunneen hirmaannaa ummataa, baajata idilee fi mana qopheessaatiin ijaaramuu eeraniiru.

Pirojektoota hojjataman kanneen hawaasni eegumsa taasisuun waggootaa dheeraa akka tajaajilaan taasisuu akka qaban n yeroo dheeraaf akka hojiirra oolan taasisuu akka qabu dhaamaniiru.

Jibril Huseentu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.