Fana: At a Speed of Life!

Dodolaatti Manni Barumsaa Afaan Chaayinaa, Faransaayii fi Arabaa dabalataan barsiisu eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Manni Barumsa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa baasii Birri miiliyoona 350 oliin ijaarame bakka Pireezdantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti eebbifameera.

Manni Barumsaa kanatti afaanota biyya keessaatti dabalataan Afaan Chaayinaa, Afaan Faransaay fi Afaan Arabaatiin barnoonni kan kennamu ta’uu himameera.

Siidaan yaadannoo Dr. Hayilee Fidaa mooraa Mana Barumsichaa keessatti ijaarames eebbifameera.

Manni Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa manneen barumsaa bultii addaa torba, Mootummaan Naannoo Oromiyaa ijaarsise keessaa tokko ta’uun ibsamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.