Fana: At a Speed of Life!

Diyaasporawwan gumaacha misooma biyyaaf taasisaan jabeessuu qabu- Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) –Diyaasporawwan gumaacha misooma biyyaaf taasiisan jabeessuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Dhimma alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa, daayrektarri olaanaa Tajaajila Diyaasporaa Ityoophiyaa Doooktar Mahaammad Indiriis fi Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Injinar Silashii Baqqalaan Hawaasa diyaasporaa Ameerikaa kaabaa Waashiingiteen DC fi naannawashee jiraatan waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa hirmaannaa damee hundaa hawaasni diyaasporaa taasisan galateeffataniiru.

Diyaasporawwan guddina dinagdee Ityoophiyaa mirkaneessuu keessatti haalaan hirmaachuu akka qaban gaafataniiru.

Daayrektarri Olaanaan Tajaajila Diyaasporaa Itiyoophiyaa doktar Mahaammad Indiriis gamasaanin, Hawaasni diyaasporaan biyyasaaf Ambaasaaddara ta’uun beeksisuu, guddina dinagdee aadaa fi dippilomaasiirratti gumaachi daraan jajjabeessaa ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.