Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspoorawwan naannoo Afaaritti misooma qamadii jallisii bonee daawwatan

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC)- Diyaaspoorawwan naannoo Afaaritti misooma qamadii jallisii bonee aanaa Duubitiitti heektaara 500 irratti misoomaa jiru daawwataniiru.

Bakki qamadiin kun itti misoomaa jiru kanaan dura bakka qonnaa Shonkooraa Warshaa sukkaaraa Tindaahoo ta’uu fi faayidaa irraa eegamu laachaa kan hin turre ta’uu ibsaniiru.

Hojiin misooma jallisii kun gama adda misoomaatiinis injifachuuf imala taasisaa jirrudha jedhan Ittaanaan hogganaa Biiroo qonnaa naannichaa obbo Abduu Ibraahim.

Hektaara tokkorraa oomishini kuntaalli 30 hanga 35 ni argama jedhamee eegama.

Akka naannichaatti lafa heektaara kuma 10 misoomsuuf karoorfatamuu ibsameera.

Daawwanichaan diyaaspoorotaaf rakkoo damee  kanaan jiru ilaalchisee ibsi laatameera.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.