Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspoorawwan meeshaalee tajaajila dhuunfaa qabatanii seenuu akka daanda’aan ibsame

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC)-Diyaaspoorawwan ayyaana Qillee kabajuuf gara biyyaa dhufan meeshaalee dhuunfaan itti fayyadamaa qabatanii seenuu akka danda’aan Komishiniin Gumuurukaa beeksiseera.

Komishinarri Komishiinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dhalattoonni Ityoophiyaa fi lammiileen Ityoophiyaa miiliyoonni 1 biyya alaa jiraataan gara biyyaa akka galaan waamicha dabarsuu hordofee keessuummoota simachuuf qophii barbaachisaan taasifamuu himaniiru.

Imaltoonni tajaajila yaalaaf deddeebi’anii fi diyaaspoorawwan meeshaalee tajaajila dhuunfaa isaanii qabatanii seenuu akka danda’aan ibsameera.

Qajeelchi 51/2010 meeshaalee tajaajila dhuunfaa, meeshaalee daldalaa qabatanii seenuu kan dhorkuu ta’uu ibsaniiru.

Yaa ta’uu malee daldaltoonni ammallee irra deddeebiin qajeelchichaan alaa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaafis daldaltoota seeraa qabeessarratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsaniiru.

Diyaaspoorawwan gara biyyaa dhufaan maatii isaaniif, raayyaa ittisa biyyaa, lammiilee buqqa’aanii fi dhaabbilee fayyaaf meeshaalee fidanii dhufuu akka danda’aa himameera.

Komishinichi daldaltoota seeraan alaarratti tarkaanfii fudhataa turuu ibsuun, ammallee tarkaanfii fudhatamu cimee itti fufaa jedhaniiru.

Almaaz Mokkonniintu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com

/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.