Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspoorawwan damee hundaan hirmaannaa isaanii cimsuu qabu -Ambaasaaddar Silashiin Baqqalaa

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) – Ameerikaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa haaraa ta’uun kan muudaman Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan dippiloomaatootaa fi hojjettoota waliin walbaraniiru.

Ambaasaaddar Silashiin hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii baroota lakkoofsiise caalmaatti cimsuun xiyyeeffannoo isaanii ta’uu kaasaniiru.

Hawaasn Diyaaspooraa hirmaannaa isaanii damee hundaan cimsuu akka qaban gaafataniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf humna qaban hundaan kan hojjetan ta’uu dippiloomaatoonni saganticharratti hirmastanis ibsuu isaanii ragaan Ameerikaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.