Diyaaspooraan wantoota Ityoophiyaa fayyadan fidee dhufuun deeggarsa isaa agarsiisuu qaba-Dhalattoota Ityoophiyaa
Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Diyaaspooraan gara biyyaa dhufu wantoota Ityoophiyaa fayyadan fidee dhufuun deeggarsa isaa agarsiisuu akka qabu dhalattoonni Ityoophiyaa ibsan.
Waamicha Muummee Ministiraa Abiy Ahimad Ityoophiyaanotaa fi michuuwan Ityoophiyaaf taasisan fudhachuun gara biyyaa dhufaa jiraachuu misensonni diyaaspooraa ibsaniiru.
Gara biyyaa kan dhufan dhimma dhuunfaa yookaan maatiif osoo hin taane waamicha biyyaaf deebii laachuuf ta’uu eeraniiru.
Sochii biyyoonni lixaa tokko tokko garee shororkeessaa qabsoo uummataan aangoorraa arii’ame gara aangootti deebisuuf taasisan kan balaaleffatan ta’uu himaniiru.
Deeggarsa ogummaa dabalatee Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa barbaachisu kamiinuu taasisuuf qophii ta’uu kaasaniiru.
Diyaaspooraan wantoota Ityoophiyaa fayyadan fidee dhufuu akka qabu waamicha taasisaniiru.
Maddi:- TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.