Fana: At a Speed of Life!

Dirree Soorata Qalbii fi Boqota Ijaa: Cabaraa Curcuraa

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC)-Finfinnee irraa fageenya Kiiloo meetira 450 irratti argama.

Bara 1997 irraa kaasee Paarkii Biyyaalessaa ta’uun kan daangeffamee fi naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaa godinaalee Kontaa fi Daawuroo giduutti kan argamuudha.

Bara 2013’tti Pirojektii “Maaddiin Biyyaaf” jedhuun Pirojektii Koyishaa jalatti akka misoomuuf Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad ifoomsan.

Paarkichi akkaataa hawwannaa tuuristootaa dabaluu danda’uun misoomee, miidhagina uumamaa utuu gadi hinlakkisin, loojii sadarkaa isa eeggatee qabatee eebbaaf qophaa’eera.

Paarkii Cabaraa Curcuraa, bal’ina lafaa Magaalaa Finfinnee dachaa Sadii kan gahu, bineensota bosonaa, simbirrootaa fi qurxummiin kan badhaadhe, laggeen xixiqqaa fi guguddaa 50 kan qabu, haroowwan 5fi fincaa’aa hedduu kan qabu dha.

Bishaan laga Oomootti makaman keessaa Lagni Zingaa fi Shoshumaan isaan olaanoodha.

Paarkii kana keessa bineensotaa akka Arba, Leenca, Gafarsaa fi Roobiin illee kan argam yoo ta’u waliigalaan hoosiftoota 57 ol paarkicha keessatti kan argamaniidha.
Madda:AMN

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.