Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dhawaatti hojiin ajandaa marii biyyaalessaa walitti qabuu eegalame

Finfinnee, Hagayya 6, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojiin ajandaa marii biyyaalessaa walitti qabuu boqonnaan jalqabaa eegalamuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.

Komishinarri Komishinichaa Ambaasaaddar Mahaammad Diriir, kanaan dura kutaalee hawaasaa magaalattii adeemsa ajandaa marii walitti qabuu keessatti hirmaataan bakka bu’oota kuma 1 filachiisuun qopheessuu ibsaniiru.

Hojiin ajandaa walitti qabuu har’arraa eegalee guyyoota ja’aaf kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Jiraattoonni magaalattiis adeemsa ajandaa walitti qabuu keessatti dammaqinaan akka hirmaatan Ambaasaaddar Mahaammad waamicha dhiyeessaniiru.

Fatiyaa Abdallaa fi Iyyoonaadaab Anduwaalamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.