Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaatti piroojektoonni Birrii biiliyoona 1.2 ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Magaalaa Dirree Dawaatti piroojektoonni 20 Birrii biiliyoona 1.2 ijaaraman eebbifaman.

Piroojektoonni kunneen bakka Af Yaa’iin magaalaa Dirre Dawaa aadde Fatiyaa Adam, Kantiibaan magaalichaa obbo Kadir Juhaar fi hoggantoonni olaanoon magaalichaa biroo argamanitti eebbifamaniiru.

Piroojektoota kanneen keessaatti pirojetoonni bishaanii, dhaabbata qorannoo ijaarsa kaayizanii, misooma manneenii, sheediiwwan oomishaa, riqichii fi dhaabbileen fayyaa kan eeraman ta’uu ibsameera.

Hojiileen misoomaa 10 magaalaa fi 10 ammoo baadiyyaatti ijaaraman gaaffee diinagdee fi hawaasummaa hawaasichaa kan deebisan ta’uu hogganaan Biiroo Misooma Maallaqaa fi Diinagdee magaalichaa obbo Sulxaan Aliyyuu ibsaniiru.

Keessumaa damee fayyaan gaaffii uummataa yeroo dheeraa kan ture maashinii siitii iskaan Birrii miiliyoona 40 bituun tajaajilaaf qaqqabsiisuu eeraniiru.

Dabalataanis piroojektoota misoomaa garaagaraa eebbifamuu ibsameera.

Hojiileen misoomaa kunneen bara 2014 fi isa dura gara hojii ijaarsaatti warreen galan ta’uu eeruun, yeroo ammaa guutummaan guutuutti xumuramuu ibsaniiru.

Guyyaa boruus piroojektoonni wabii nyaataa hawaasa baadiyyaa mirkaneessan piroojektoonni jallisii fi bishaan dhugaatii kan eebbifaman ta’uu ibsameera.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.