Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaatti namoonni ergama badiitin shakkaman 18 to’annaa jala oolan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)-Magaalaa Dirree Dawaatti namoonni ergama badiitin shakkaman 18 to’annaa jala ooluu Komishiniin Poolisii bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa beeksise.
Dirree Dawaa ulaawwan biyyoota oolla waliin wal qunnamsiisu shororkeessootarra ittisuuf naannolee waliin ta’uun hojjetamaa jiraachuus ibsameera.
Komishinarri Komishiniin Poolisii bulchiinsa magaalaa Dirree Dmawaa obbo Alamuu Magraa, ibsa laataniin torban kana keessa eeruu hawaasaan qorannoo taasifameen namoonni shakkaman to’annaa jala ooluu himaniiru.
Shakkamtoota kanniin irraa shugguxii 9, rasaasa, paaspoortti biyyoota garaagaraa fi sanadoonni akka argaman himaniiru.
Akkasumas garee badii ABUT deeggaruun hokkora fi jeequmsa uumuuf namoonni yaalan to’atamuus dubbataniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.