Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaatti baatiwwan saglan darbanitti galiin Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 75 ol walitti qabame

Finfinnee, Eebila 12, 2013 (FBC)-Magaalaa Dirree Dawaatti baatiwwan saglan darbanitti galiin Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 75 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 75 fi 415 walitti qabamuu ibsameera.

Baatiwwan saglan darbanitti galiin Birrii biiliiyyoona 1 miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 67 fi kuma dhibba 9 fi kuma 36 fi 139 walitti qabuuf karoorfameen, galiin Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 75 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 75 fi 415  walitti qabamuu Abbaan Taayitaa Galiiwwanii magaalaa Dirree Dawaa beeksiseera.

Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa obbo Abdusalaam Mahaammaad, baatiwwan saglan darabaniitti weerararri vaayrasii koroonaa dhiibbaa diinagdee kaffaltoota gibiraarran ga’ee tumsuuf mootummaan deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 20 ol taasisee osoo hin dabalatiin galiin Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 75 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 75 fi 415 walitti qabamuu himaniiru.

Karoorichas %84.8 galmaan ga’uu danda’ameera jedhan.

Raawwiin kun kana bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaallamu caalmaa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 16 fi kuma dhibba 7 fi kuma 66 fi 722 akka qabuus himaniiru.

Baatii Bitootessa galiin Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 37 fi kuma 402 fi 956 kan walitti qabamee yoo ta’u, kunis kana bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaallamuu caalmaa Birrii miiliyoona 27 fi kuma dhibba 3 fi kuma 80 fi 69 qabaachuu ibsaniiru.

Baatiichattis raawwiin karoorichaa %97.5 galmaan ga’amuu ragaan  Dhimmoota Kominikeeshiinii bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.