Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaan ayyaana waggaa Qullibbi Gabreeliif keessummoota simachuuf qophoofteetti

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa fi hawaasni naannichaa keessummoota kabaja ayyaana waggaa Qullubbi Gabreeliif diyaaspooraa dabalatee keessummoota dhufaan simachuuf qophii ta’uu ibsameera.

Kantiibaan magaalichaa obbo Kadiir Jawaar bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni Dirree Dawaa keessummoota ayyaanicharratti hirmaachuuf dhalattootaa fi michoota magaalitti  akkasumas diyaaspoorotaa fi keessummoota biroo simachuuf qophiin barbaachisaan taasifamuu himaniiru.

Keessummoonni nagaan dhufanii nagaan akka deebi’aaniif qophii xumureerra jedhaniiru

Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Dirree Dawaa Alamuu Maagraa gama isaaniin, qaamoleen nageenya ayyaanicha karaan nagaa akka kabajamuuf kan yeroo kamiiyyuu caalaa qophii taasisuu himaniiru.

Qaamoleen nageenya Dirree Dawaa, Hararii, godinalee Harargee Lixaa fi Bahaa, poolisiin Federaalaa, Milishaa fi nageenyi odeeffannoo qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.