Fana: At a Speed of Life!

Dirree Daawaatti hoomaan waraabeeyyii sodaachisaa ta’aa jira

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Magaalaa Dirree Daawaa naannoo ganda Rooqaatti hoomaan waraabeeyyii miidhaa geessisaa jiraachuun ibsame.

Hoomaan kun daa’immaa umurii waggaa 3 lubbuu dabarseera.

Sambata darbe guyyaa keessaa sa’aatii 9:00 irratti naannoo ganda Rooqaatti waraabeeyyiin tabba keessaa ba’uun daa’immaan tapha irra turan keessa daa’ima umrii waggaa 3 tokko fudhataniiru.

Maatii fi hawaasni naannoo sanaa lubbuu daa’ima sanaa baraaruuf yaalii godhanis hin milkoofne jedhame.

Abbaan daa’imichaa hoomicha waliin fiigee eegee waraabessichaa qabee daa’imasaa harkaa buufatus, daa’imichi mataarra ciniinnamee waan tureef lubbuun isaa darbeera.

Hoomaan waraabeeyyii naannoo ganda Rooqaatti yeroo gara yerootti hammaachaa dhufuu jiraattoonni magaalichaa himaniiru.

Hoomaan waraabbeeyyii kun baatii tokko keessatti yeroo afuriif miidhaa qaqqabsiisuu dubbataniiru.

Ujummooleen lolaa Dhaabbata Daandii Baabuuraa lafaa fi hambaaleen nyaataa gataman waraabeeyyiin kunneen iddoo sanatti akka baayy’ataniif sababa ta’uu jiraattonni himaniiru.

Hoomaan kun miidhaa hammaataa osoo hin qaqqabsiisin furmaanni itti laatamuu akka qabu gaafataniiru.

Bulchiinsi ganda 03 qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun furmaata waaraaf hojjachaa jiraachuu hojii gaggeessan gandichaa obbo Biiniiyaam Girmaa himaniiruu.

Abbaan Taayitaa Eeggumsa Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Jijjiirrama Qilleensaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Daawaas hoomaa waraabeeyyii kana ittisuuf akka hojjetu ibsee jira.

 

Maddi:-TOI

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.