Fana: At a Speed of Life!

Dirre Dhawaatti Sagantaan Tola Ooltummaa Gannaa eegale

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaatti Sagantaan Tola Ooltummaa Gannaa eegaleera.
Kantiibaan Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadir Juhaari fi Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhina Bulchiinsa magaalicha Obbo Ibraahiim Yuusuuf sagantichaa eegalchisaniiru.
Obbo Kadir Juhaar saganticharratti haasawa taasiisaniin, hojiin tola ooltummaa hojii namooma dursuun hojjetamuudha jedhan.
Sagantaa tola Ooltumaa bara kanarratti tola Ooltoonni kumni 86 ol kan hirmaatan ta’uu ibsameera.
Tajaajila tola ooltumma kanaan kallattiwwan xiyyeeffannoo 14 adda baafamuun himameera.
Haaluma kanaan manneen harka qalleeyyii 260 oliif haaroomsii kan taasifamuu ta’u Obbo Kadir dubbataniiru.
Miniyaahil Mallasitu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.