Fana: At a Speed of Life!

Dirre Dhawaatti giddu galli dhiqaa Kalee eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2015 (FBC) – Magaalaa Dirre Dhawaatti giddu galli dhiqaa Kalee Birrii miiliyoona 22.7 ijaarame eebbifameera.

Giddu galicha Hospitaala waliigalaa Saabiyaa keessatti ijaaramuu ibsameera.

Deeggarsa dhalattoota magaalichaa biyya alaa jiraataanii fi Waldaa Aksiiyoona Warshaa Simmintoo Naashinaaliin ijaaramuu himameera.

Kantibaan Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadir Jawaar, Hogganaan Biiroo Fayyaa magaalichaa, dhalattoonni magaalichaa biyya alaa jiraatanii fi jaarsoliin biyyaa giddu galicha eebbisisaniiru.

Rakkoo yaala fayyaa dhiqiinsa Kaleen walqabatee jiru furuuf giddu galichi qooda olaanaa qabaachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.