Fana: At a Speed of Life!

Dirre Dhawaatti BalaaTiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 11 darbe

Finfinnee, Adoolessa 9, 2016 (FBC) – Dirre Dhawaatti BalaaTiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 11 yoo darbu, namoota 10 irra miidhaan qaamaa qaqqabuu Poolisiin ibse.

Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa Ganda Jaaloo Baliinaa bakka Biirkaa jedhamee waamamutti halkan edaa naannawaa sa’aatii 6:30 irratti balaan kun qaqqabuu ibsameera.

Konkolaataan deddeebisa ummataa Doolfin jedhamu Magaalaa Dirre Dhawaarraa imaltoota fe’ee gara Hararii imalaa ture, Konkolaataa Siinoo Tiraakii Hararirraa gara Dirre Dhawaatti imalaa tureen walitti bu’uun miidhaa kana qaqqabsiisuu Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Dirre Dhawaatti Itti Gaafatamtuun Diiviizyiinii qorannoo balaa Tiraafikaa Inispeektarri Olaantuun Sa’aadaa Mahaammad ibsu ragaan Poolisii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.