Fana: At a Speed of Life!

Diraamaan “Saneefi Sanyoo” Caamsaa 1 irraa eegalee Televizyinii Faanaan darbuu ni eegala

Finfinnee, Eebla 25, 2015(FBC)- Diraamaan “Saneefi Sanyoo” jedhu Caamsaa 1, 2015 irraa eegalee Televizyinii Faanaan darbuu ni eegala.

Diraamicha ilaalchisee miseensonni piroodaakshiniifi taatonni akkasumas miseensonni maanaajimantii Televizyinii Faanaa bakka argamanitti Hoteela Malkaatti ibsi kennameera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet Obbo Admaasuu Daamxoon, Televizyiiniin Faanaa fedhii daawwattoota isaa guutuuf qophiilee barsiisoofi odeeffannoo dabalataan filannoowwan bashannanaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Ogeeyyiif waltajjii uumuuf, aartii jajjabeessuufi fedhii daawwattootaa guutuuf diraamaan dheeraa haaraan daawwattootaaf dhiyaachuu dubbataniiru.

Diraamaa kanarratti Ingidaasawu Habtee(Teedii), Qaalkidaan Taammiruu, Salamoon Muheefi Suuraafeel Bisraat(Abbuu) dabalatee taatoowwan 100 ol irratti hirmaachuu eerameera.

Diraamichi dhaabbata “Istam Interteeyimant”iin qophaa’ee kan dhiyaate ta’uufi mudannoo hawaasaa guyya guyyaarratti irra jireessaan daddabarsa maallaqaa seeraan alaarratti xiyyeeffachuun bifa barsiisaafi bashannansiisaa ta’een kutaawwan 60 daawwattoota bira kan gahu ta’uu ibsameera.

Diraamichi Caamsaa 1, 2015 sa’aatii 3:10 irraa eegalee gama daawwattootaa kan gahu ta’uu ibsameera.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.