Fana: At a Speed of Life!

Dippiloomaatoonni faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf miira jaalala biyyaan hojjechuu qabu – Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Adoolessa 4, 2016 (FBC) – Dippiloomaatoonni faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf miira jaalala biyyaan hojjechuu akka qaban Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Ministeerri Dhimma Alaa Ambaasaaddaroota haaraa biyyoota garaagaraatti Itiyoophiyaa bakka bu’uun mudamaniif leenjii kennuu eegaleera.

Baniinsa leenjichaarratti argamuun haasawa kan taasiisan Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen, adeemsa Faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu keessatti Dippiloomaatoonni miira jaalala biyyaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan Dippiloomaatii cimaa qabaachuu dameewwan garaagaraan agarsiisuu kaasuun, kana itti fufsiisuuf beekumsaan of ga’oomsuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Ogummaan hoggansaa, beekumsii fi haala hubachuun dippiloomaatootarraa kan eegamu ta’uu eeraniiru.

Leenjichi Adoolessa 4 – 20, 2016tti kan turu ta’uu eerameera.

Wandummuu Addunyaa fi Almaaz Makonniintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.