Fana: At a Speed of Life!

Dippiloomaasiin magarisaa Ityoophiyaa sadarkaa Addunyaatti fudhatama argacha jira-M/Dhimmaa Alaa

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)- Hojiin dippiloomaasii magariisaa Ityoophiyaa Sadarkaa Idil Addunyaatti fudhatama argacha jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Mallas Alam dhimmoota hariiroo Dippiloomaasii fi hariiroo Alaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin, Sagantaa Ashaara Magariisaan Aduu tokkotti biqiltuwwaan miiliyoona 566 dhaabuun sadarkaa biyyaalessaatti seenaan hojjetameera jedhan.

Saganaticharratti dippiloomatoonni teessoon isaanii Finfinnee taasifatan, Ityoophiyaanonni fi Misiiyoononni biyyota garagaraatti argaman bakka jiranitti hirmachuu ibsaniiru.

Sagantaan Asharraa Magariisaa Afrikaa qofaa osoo hintaane Addunyaaf fakkeenya ta’uu kan kaasan Ambaasaaaddar Mallas, hojiin dippiloomaasii magarisaa Ityoophiyaa sadarkaa Idil Addunyaatti fudhatama argachaa dhufuu ibsaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magaariisaa, Ityoophiyaa bira darbee Sagantaa Afrikaa ta’eeras jedhan.

Sagaanticha keessatti seena barreessuu fi olkaa’uuf Ministeerri Dhimma Alaa qooda isaa kan bahatu ta’uu ibsaniiru.

Ministeerichi hawaasa Dippiloomaasii saganticharratti hirtamatan galateeffateera.

Kana malees dhiyeenya Keeniyaatti kan gaggeeffame Walga’iin Hoji Raawwachiistota Gamtaa Afrikaa Ityoophiyaan walitti bu’iinsaa keessaa gara adeemsa nageenyaatti imaluuf xiyyeeffannaan kennitee ijaarsaa maqaa gaarii biyyattii guddisuu himaniiru.

Walga’icharratti Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin akka gaggeessan eeraniiru.

Ajandaawwan bocuun hojiirraa oolchuu fi hariiroowwan gama lameenii milkaa’inaan raawwatamuu ibsaniiru.

Firehiiwot Saffiiwutu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.