Dippiloomaasiin keenya nagaa, qajeeltoo kennanii fudhachuu fi faayidaa waloorratti kan bu’uureffateedha-Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC)- Dippiloomaasiin keenya nagaa, qajeeltoo kennanii fudhachuu fi faayidaa waloorratti kan bu’uureffateedha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad damee dippiloomaasiin hojiilee hojjetamaa jiranii fi ejjennoo mootumma ilaalchisuun Mana maree bakka bu’oota ummataaf ibsa kennaniin ejjennoon Itiyoophiyaa hundaa waliin walta’iinsaan hojjechuu fi qajeeltoo kennanii fudhachuun hojjechuudha jedhan.
Itiyoophiyaan madda humnaa Afrikaa akka taatee fi ofii isheerraa darbuun misooma Afrikaaf kutannoo kan qabduudha jedhan.
Itiyoophiyaan biyya tokkoof baabsitee biyya biroo hinloogdu kan jedhan Dooktar Abiy, Chaayinaa, Biyyoota Baha Giddugaleessaa akkasumaas Ameerikaa waliin hariiroo michummaa gaarii akka qabdu dubbataniiru.
Keessumaa Biyyoonni Bahaa Giddugaleessaa guddinaa Itiyoophiyaaf tumsi taasisaa jiran bakka bu’aa kan hinqabne ta’uu dubbatanii, hariiroo biyyoota naannawichaa waliin jirus cimsuu qabna jedhaniiru.
Waliigalteen karraa galaanaa argachuu Somaaliilaandi waliin mallatteeffamee turee liizii waggoota 50 ta’us akkaataan itti hubatamee sirrii akka hintaane kaasaniiru.
Ammaallee Somaaliyaa waliin ajandaan addaa qabnu tokkoyyuu hinjirus jedhaniiru.
Itiyoophiyaa kan baasu ollummaa nagaa, kennanii fudhachuu fi waloon guddachuudha jedhaniiru.
“Hunda waliin waltumsuun guddachuu barbaanna; kanas gammachuu olaanaan simanna” jedhan.
Itiyoophiyaan qabeenya biyyaalessaa hinraafamne qabdi jedhanii, eenyuuniyyuu kan hintuqnee fi yoo tuqamte ammoo duubatti akka hindeebine hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia