Fana: At a Speed of Life!

Dippiloomaasiin diinagdee fi siyaasaa raawwii abdii qabu agarsiisuu ibsame

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Dippiloomaasiin diinagdee fi siyaasaa raawwii abdii qabu agarsiiseera jechuun Ministirri Misteera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Araggaan himaniiru.

Dooktar Fitsuum kana kan jedhan Ministeerichi raawwii karooraa guyyoota 100 dhaabbalee mootummaa gamaaggameettidha.

Ministeerichi raawwii hojii guyyoota 100  Ministeera Dhimma Alaa gamaaggameera.

Dooktar Fistuum Araggaa dabalatee ministir deetaan ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Namarraa Gabayyoo fi ministir deetaan damee gamaaggamaa aadde Xiruumaar Abaataan kan durfamu gamaaggamni kun, bakka buutoota waajjira muummee ministeera haammateera.

Gamaaggamni ministeera dhimma alaarratti gaggeeffamee kun, gareen gaamaggamichaa gaggeessuu gaaffii dhiyeesseef Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokkoonniin, qormaatichi heddamaatuus biyyoota michuu cimsuun, keessaayuu diyaaspooraan hojii boonsaa ta’ee hojjechuu ibsuun tokkummaa kana eeguu qabna jedhaniiru.

Dooktar Fitsuum dippiloomaasiin gama diinagdee fi siyaasaa raawwii abdii qabu agarsiiseera jedhan.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.