Fana: At a Speed of Life!

Dijitaalaayizeeshiniin bulchiinsa taaksii hanqinaalee taaksii hambisuu danda’eera-Ministeericha

Finfinnee, Ebla 14, 2016 (FBC)-Dijitaalaayizeeshiniin bulchiinsa taaksii hojmaata waraqaa jijjiiruun hanqinaalee taaksii hambisuu Minitirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Niguseen ibsan.

Koonfiraansiin Idil Addunyaa Bulchiinsaa Taaksii Dijitaalaa walta’iinsa Ministeera Galiiwwanii fi Baankii Addunyaan qophaa’e Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Koonfiraansicharratti, Naayijeeriyaa, Zaambiyaa, Zimbaabuwee, Ugaandaa, Maalaalii, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa fi Ruwaandaan hirmaataniiru.

Aadde Ayinaalem waltajjicharratti, dijitaalaayizeeshinii bulchiinsa taaksii biyyootaarratti mari’achuu, sakatta’uu fi muuxannoo gaggaarii waljijjjiiruu akka qaban kaasaniiru.

Dijitaalaayizeeshiniin bulchiinsa taaksii hanqinaalee jiran hambisuu fi hojmaata waraqaan walqabataan hambisuun barbaachisaa ta’uu eeranii, daandiilee odeeffannoo waljijjiiran kan saffisiisu ta’uus dubbataniiru.

Kunis kan ta’u dijitaalaayizeeshiniirratti hojjechuun yoo danda’meedha jedhanii, ministeerichi pirojektiiwwan garaagaraa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Pirojektoonni eegalaman xumuramanii wayita hojiitti galan galii fooyya’aa walitti qabuu akka dandeessisan hubachisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.