Fana: At a Speed of Life!

Diinagdeen Raashiyaa %4.6 guddina argisiisuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC)- Baatiiwwan ja’an jalqabaa bara 2024 diinagdeen Raashiyaa %4.6 guddina argisiisuu Pireezidaantiin Biyyattii Vilaadmiir Putiin ibsan.

Pireezidaanti Vilaadmiir haala guddina diinagdee biyyattii ilaalchisuun marii taasisanirratti, akkumaa baroottan darbanii diinagdeen Raashiyaa sadarkaa olaanaan guddachuu itti fufuu ibsuu CGTN gabaaseera.

Hoji dhabdummaan biyyattiitti %2.4’n hir’achuus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.