Diinagdeen Ityoophiyaa % 6.6 guddachuu akka danda’u raawwiin Diinagdee Maakroo baatiwwan salgan darbanii agarsiise
Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Diinagdeen Ityoophiyaa rakkoolee hedduu dandamachuun % 6.6 guddachuu akka danda’u raawwiin Diinagdee Maakroo baatiwwan salgan darbanii agarsiiftuu ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsaniiru.
Waraanaa Raashiyaa fi Yuukreen dabalatee dhiibbaan alaa fi keessaa baatiwwan salgan darban Diinagdee Maakroof qormaata ta’anii turuu eeraniiru.
Raawwiin Diinagdee Maakroo Ityoophiyaa baatiwwan salgan darbanii bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamameera.
Waraannii Raashiyaa fi Yuukreen Diinagdee Ityoophiyaarraatti dhiibbaa uumuu Dooktar Fitsum gabaasa dhiyeessaniin eeraniiru.
Baatiwwan salgan darban dameewwan Qonnaa, Daldala alaa fi tajaajilaan raawwii fooyya’aan galmaa’uu kaasaniiru.
Damee qonnaan oomishni Kuntaalli miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 36 argamuu eeruun, Kuntaalli miiliyoonni 25 misooma jallisii Boneerraa kan argame ta’uu himaniiru.
Daldala alaarraa galiin Doolaarri Ameerikaa Biiliyoonni 2.9 argamuu himuun, damee tajaajilaarraa Doolaarri Biiliyoonni 4.5 argamuu eeraniiru.
Kunis diinagdeen Ityoophiyaa rakkoolee hedduu dandamachuun % 6.6 guddachuu akka danda’u kan agarsiisudha jedhan.
Yaa ta’uutii, waraana Raashiyaa fi Yuukreen dabalatee hongeen biyyattiitti muudate qaala’iinsa gatii hammeessuun diinagdee maakroo daraan qoruu ibsaniiru.
Akka fakkeenyaatti gatiin Xaa’oo Toonii 1 waggaa lama dura Doolaara 250 ture gara Doolaara kuma 1 fi 300 ol guddachuu kaasaniiru.
Gatiin Qamadii fi Zayitaa baatiwwan Amajjii fi Bitootessaa qofa % 65 dabaluu dubbataniiru.
Kunis Ityoophiyaatti daballiin gatii akka hammaatu taasiiseera jedhan.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.