Fana: At a Speed of Life!

Diinagdeen Itiyoophiyaa qormaata keessatti guddina saffisaa galmeesseera – Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC) – Waggoottaan 6 darban Diinagdeen Itiyoophiyaa qormaata keessatti guddina saffisaa galmeessuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.
Fooramiin Biiznasii Itiyoo – Chaayinaa Beejiingitti gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaan Invastimantti kallattii Alaa hawwachuun Baha Afrikaarraa adda duree ta’uu Obbo Ahimad Shiideen fooramicharratti haawasa taasiisaniin eeraniiru.
Gabaan Kaappitaalaa, Fooyyessi Diinagdee fi kanneen biroo Invastimantii hawwachuuf mijataa ta’uu eeraniiru.
Misoomni Qonnaa, Turizimii, Indaastiriin Oomishaa fi kanneen biroon bu’aa qabeessa ta’uu dubbataniiru.
Damee fayyaan hojjechuuf bu’uraaleen misoomaa mijataan jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan himaniiru.
Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.