Diinagdeen damee dhuunfaan akka hogganamuuf tarkaanfii fudhatameen milkaa’inni galmaa’uun ibsame
Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)- Diinagdeen damee dhuunfaan akka hogganamuuf tarkaanfii fudhatameen jijjiiramni galmaa’aa jiraachuu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiretuun ibsan.
Obbo Maammoo Mihiretuun, Sagantaa Itti Gaafatamtuu Pirees Sekireetaariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billenee Siyyumiin qophaa’uu “Ethiopian In Focus“ jedhu waliin turtii taasisaniin, jijjiirama hordofee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad wayita gara aangootti dhufan diinagdeen rakkoolee damee hedduu kan qabu akka ture yaadachiisan.
Fooyyessiin diinagdee mandhalee taasifamuus kaasanii, boqonnaa jalqabaan riifoormichi jalqabbii gaarii qabaatus, rakkooleen biyyaalessaa fi idil addunyaa dhiibbaan diinagdee uumuu ibsaniiru.
Ta’us, diinagdeen biyyattii qormaata keessa ta’us humnaa hinraafamneen itti fufuun bu’aa galmeessuun akka danda’ame himuu TOI gabaaseera.
Diinagdeen damee dhuunfaan akka hogganamuuf tarkaanfii fudhatameen jijjiiramni galmaa’uu kaasanii, jijjiiramaan duraa liqiin baankotaa mootummaaf %70 qofa kan ture, yeroo ammaa %80tti kan dhiyaatu liqiin damee dhuunfaaf kan kenname ta’uu dubbataniiru.
Sirna sharafa alaa sirna gabaan hogganamuutti seenuun, yaa’iinsi sharafa alaa akka dabalu taasifamuu fi kuufamni sharafa alaa baankotaa guddachuu eeraniiru.
Bulchiinsi idaa waaraan akka jiraatuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiraaniin bulchiinsa idaa tasgabbaa’aa uumuuf gumachuu ibsaniiru.
Riifoormichi dandeettii diinagdee gooroo tasgabbeessuu, oomishtummaa guddisuu, dandeettii damee dhuunfaa cimsuu, carraa hojii uumuu fi galii walitti qabuu guddisuun gahee olaanaa akka qabu akeekaniiru.
Guddina waaraa uumuuf Afrikaa keessaa bu’aa fakkeenya ta’uu akka fidu yeroo ammaa agarsiistuuwwan akka jiran kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia