Diinagdeen addunyaa bara 2021 % 6 guddina ni agarsiisa – Dhaabbata Maallaqaa Idila Addunyaa
Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Diinagdeen addunyaa bara Faranjootaa 2021 keessa kan dandamatu ta’uu Dhaabbanni Maallaqaa Idila Addunyaa beeksiise.
Dhaabbatichi gabaasaa haaraa baaseen Diinagdeen addunyaa bara 2021 % 6 guddina ni agarsiisa jedheera.
Bara 2022tti % 4.4, bara 2026tti % 3.3 guddina akka agarsiisuu dhaabbatichi tilmaameera.
Bara Faranjootaa 2020 sababa weerara vaayrasii koroonaan diinagdeen addunyaa % 3.5 gadi bu’uu gabaasichi ibseera.
Biyyoonni guddatan guddina diinagdee % 5.1, Ameerikaan ammoo % 6.4 guddina agarsiisuu akka dandeessu dhaabbatichi tilmaama isaa kaa’eera.
Biyyoonni guddinarratti argaman bara 2021tti % 6.7 guddina olaanaa galmeessiisuu danda’u jedhame.
Biyyoonni Saahaaraa gadii qaala’iinsa gatii bara Faranjootaa darbe % 10.8 irra ture bara 2021tti gara % 9.8tti hir’isuu akka danda’an ibsameera.
Ityoophiyaan qaala’iinsa gatii bara Faranjootaa darbe % 20.4 irra ture bara 2021tti gara % 13.1 hir’isuu akka dandeessuu gabaasichi ibseera.
Sudaanitti ammoo qaala’iinsi gatii bara Faranjootaa darbe % 163.3 irra ture bara 2021tti gara % 197.1 ol guddachuu akka danda’u himeera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.