Fana: At a Speed of Life!

Diinagdee keessatti qooda damee daldalaa guddisuuf ammayyeessuun murteessaadha-Dooktar Kaasaahuun Gofee

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC)-Diingadee keessatti qoodaa damee daldalaa guddisuuf gufuulee damicha addaa baasuu fi ammayyeessuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Gofeen dubbatan.

Yaa’iin seektara daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannawaa mata duree “Daldala si’oomsuu, Guddina Waaraa mirkaneessuu” jedhuun Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti eegaleera.

Yaa’icha irratti raawwiin hojii daldalaa sadarkaa Naannoo fi Ministeeraa akkasumas manneen hojii Ministeera Daldalaatti waamamoo ta’anii kan qoratamuu fi karoora bara 2017’rratti kan mari’atamu ta’uun ibsameera.

Dooktar Kaasaahuun akka jedhanitti, filmaatawwan imaammataa yeroon gaafatu hojiirra oolchuurraa eegalee guddina diinagdee sadarkaa barbaadamuun milkeessuuf hojiin seerotaa fi qajeelfamoota fooyyessuu gaggeeffamuun bu’aaleen abdii qabeeyyiin galmaa’aniiru.

Fooyyessa imaammata diinagdee mandhalee, imaammata daldalaa akkasumas invastimantii fi hammattoowwan seeraa hojiin fooyyessuu raawwaatamuu kaasaniiru.

Daldalaa alaa, daldala galii, jumlaa fi qinxaaboo abbootii qabeenyaa alaaf cufaa turan banaa taasisuun, dameen daldalaa dorgommiin akka hogganamu taasisuun fayyadamummaa biyyaalessaa dabaluu eeraniiru.

Sirna gabaa hunda galeessaa, waaraa fi haqa qabeessaaa barbachisa kan jedhan Dooktar Kaasaahuun, walta’iinsa cimsuu fi fedhii lammiilee dursuun Itiyoophiyaa badhaate dhaloota dhaalchisuun akka danda’amu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.