Fana: At a Speed of Life!

Diinagdee hunda galeessaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf ni hojjetama jedhan Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC) – Diinagdee hunda galeessaan fayyadamummaa ummataa gama hundaan mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen dubbatan.

Pireeezidaanti Saahilawarqi walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’ootaa fi Mana Maree Federeeshinii irraatti argamuun haasawa taasisaniiru.

Mootummaan badhaadhina waloo mirkaneessuuf maraammartoo jijjiiramaa keessa seenuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaanis waggoottaan jijjiraama keessaa guddinni dinagdee abdii qabeessaa galmaa’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan qaxxaamuraa guddinaarraa jirti kan jedhan Pireezidaanti Saahilawarqi, diinagdee hundaa galeessaa fi gama hundaan fayyadamummaa ummattaa mirkaneesuuf hojjetamaa jira jedhan.

Karoorri guddinaa waliigalaa yeroo qabamee keessatti galma ga’aa jiraachuu himaniiru.

Sochii misooma oomishutummaa qamadii guddisuu akka danda’ame, gabaa alaatti erguunis sharafa argamsiisuu himaniiru.

Misooma Boqqolloo fi ruuziirratti hojiilee hojjetamaniin bu’aalee jajjabeessan akka galmaa’aniif daandii saaquu himan.

Sosochii “Maaddi guutuun” oomishtummaa olaanaan akka argamee fi kunis lammiileen qaala’iinsaa jireenyaa akka dandamatan, carraa hojii uumamuu taasisuu kaasaniiru.

Kana malees sosochii “Itiyoophiyaan Oomishtuun” indaastiriiwwan oomishaa keessattii dadammaqiini umamun akka danda’ame kaasaniiru.

Invastimantii alaarratti jijjiiramanii olanaan galamaa’uu, tajaajillii liqii baankotaa dabaluu, sirni dijitaalaa damee faayinaansiin raawwiin fooyya’aan galmaa’eera jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.