Fana: At a Speed of Life!

Dhukkubni maariyyee jaldeessaa biyyoota Afriikaatti 7’tti mudachuu Dhaabbanni Fayyaa Adduyaa beeksise

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Afriikaatti dhukkubni maariyyee jaldeessaa biyyoota Afriikaatti 7’tti namoota kuma 1 fi 400 irratti argamuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Biyyoota Afriikaa 7’tti barana namoonni dhukkuba maariyyee jaldeessaa irratti argame kuma 1 fi 400 akka ta’eefi namoonni kuma 1fi 392 dhukkubichaan shakkamuu, namoonni 44 dhukkubichaan qabamuun mirkanaa’uu Dhaabbannii Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Weerarri dhukkubichaa dhiyeenya kana mudachuun isaa erga mirkanaa’ee as lakkoofsi namoota dhibechaan qabamaa jiranii dabalaa jiraachuun eerameera.

Dhibechi kan mul’ates Kaameeruun, Rippaabilikaa Giddugaleessa Afrikaa, Rippaabilikii Dimokiraatawaa Koongoo, Laayibeeriyaa, Naayijeeriyaafi Seeraaliyoonitti ta’uu Waajjirri qaxanaa Afriikaa Dhabbataa Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Daariktarri Qaxanaa Afriikaa Dhaabbtichaa Maatshisidisoo Moyeetii, naannawaa biyyootaa dhihaa kanneen dhukkubichi keessattii babal’ataa jiruufi biyyonni Afriikaan dhukkuba maariyyee jaldeessaa ittisaa dhibechaaf qophii taasisuu akka qaban hubachiisaniiru jiraachuu isaanii Anaadooluun gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.