Dhukkuba Garaachaa fi Tooftaa Ittisaa
Finfinnee, Fulbaana 14, 2016 (FBC) – Dhukkuba garaachaa kan jedhamu sababoota garaa garaatin keessoo garaachaa kan haguugu gastiriik mukoosaan yeroo madaa’u ykn dallanuu dha.
Mallattoolee Dhukkuba Garaachaa
Mallattoon dhukkuba garaachaa namaa namatti garaagarummaa kan qabu yoo ta’u.
-Gubaa laphee
-Nama deddeeffachiisuu
-Haqqee/Balaqqamsiisuu
-Fedhii nyaataa dhabuu
-Nyaanni bullaa’uu diduu
-Garaan nama gubuu /ciniinuu
-Hirqinfuu
-Booliin /bobbaan /gurraacha’uu.
Ittisa Dhukkuba garaachaa
-Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn hir’isuu.
-Tamboo xuuxuu dhiisuu
-Qorichoota dhukkubbii hir’isan ajaja ogeessaatiin fudhachuu
-Nyaata coomaa fi zaayitiin itti baay’ate hir’isuu.
-Dhiphina sammuu fi yaaddoo garmalee hir’isuu
-Nyaata daabboo, paastaa , sukkaarri ykn ashaboon itti baay’ate, mi’eessitoota akka barbarree, miximixaa fi kkf hir’isuu,
-Bishaan gahaa dhuguu ( guyyaatti liitira 2–3 ol) fayyadamuufaa’ii.
Yeroo baayyee kan gorfamu wantoota dhibee kana nutti kaasan adda baafannee irraa of qusachuu fi waantota ogeessa fayyaan gorfaman hojii irra oolchuu ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Dhukkuba kana irraa fayyuuf nyaata nu gargaaran nyaachuu.
Isaan keessa dammi isa hangafaa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha.
Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa h. paayloor jedhamu sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa. Fudraa fi mudraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.