Fana: At a Speed of Life!

Dhukkuba Feestullaa Sababa Da’uumsan Uumamu

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC) – Dhibeen Feestullaan dhukkuba rakkoo fincaanii fi bobbaa qabachuu dadhabuu da’uumsan wal-qabatee muudatuudha.

Kunis qaamni walhormaataa fi ujummoo fincaanii yookin ujummoo bobbaa gidduutti qaawwaa uumamuun walitti yoo baheedha.

Haalli kun kan muudatu, yeroo ciniinsun dheeratuu fi danqameedha.

*Mallattoolee feestullaa mul’atan:

Fincaanii fi bobbaa qabachuu dadhabuu, Fooliin gaarii hin taane uumamuu
Walqunnamtii saalaa raawwachuu dadhabuu
Madaan yookin infeekshiniin uumamuu
Miidhama Narvii (lamsha’uummaa)

Karaalee ittisa Feestuullaa

– Dhaabbata fayyaatti deeggarsa ogeessaan da’uu
– Karoora maatiitti fayyadamuu
– Da’uumsa umurii malee hambisuu
– Kittaannaa dubaraa hambisuu
– Rakkoon kun yoo muudate dafanii dhaabbata fayyaa deemun yaalamuu ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.