Fana: At a Speed of Life!

Dhukkuba Busaa fi Tooftaalee Ittisaa isaa

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)-Dhukkubni Busaa dhukkuba bookee busaatin daddarbu yoo ta’u, yeroodhaan wal’aansa yoo hinargatin miidhaa cimaa kan qaqqabsiisudha.

Mallattoolee dhukkuba Busaa

Ho’ina qaamaa, dafqisiisuu, qorrisiisuu, qaamni hurgufamuu, dhukkubbii mataa, dhukkubbii maashaa fi laphee, rakkoo afuura baafachuu, qufaa akkasumas, mallattoolee ciccimoo akka of wallaaluu, socho’uu, nyaachuu fi dhuguu dadhabuu, jeeqamuu, ijji gara bifa keellootti jijjiiramuu fi halluun fincaanii jijjiiramu, ol deebisa cimaa ni qabaata.

Karaalee ittisa dhukkuba Busaa

* Agoobaratti yeroo hunda fayyadamuu

* Bishaan kuufame dhangalaasuu

* Bishaan ciisaa akka yaa’u taasisuu

* Biiffaa keemikala farra Bookee Busaa biifsisuu

• Mallattoon dhukkubbi yoo jiraate dafanii wal’aanamuu fi gorsa ogeessa fayyaa hordofanii qoricha fudhachuun dhukkubicha ittisuun kan danda’amu ta’u ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.