Fana: At a Speed of Life!

Dhugaan Ityoophiyaa keessa jiru akka miidiyaaleen biyyoota lixaa tokko tokko odeessanii miti – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC) – Dhugaan Ityoophiyaa keessa jiru akka miidiyaaleen biyyoota lixaa tokko tokko odeessanii miti jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Preezdaant Saahilawarq dhimmoota hariiroo waloo fi waqtaawaa irratti Preezdaantii Kootdiivaayeer Alaasaanee Ootaaraa waliin mari’ataniiru.

Preezdaant Saahilawarq yeroo ammaa maqaan Ityoophiyaa miidiyaalee garaagaraan irra deddeebiin ka’aa jiraachuu ibsuun, dhugaan Ityoophiyaa keessa jiru akka miidiyaaleen biyyoota lixaa tokko tokko odeessanii miti jedhan.

Mootummaa Ityoophiyaarratti dhiibbaa seeraan alaa uumuuf sochii taasiifamaa jiru kamiiyyuu kan hin fudhanne ta’uu Preezdaantiin Kootdiivaayeer Alaasaanee Ootaaraan ibsuu isaanii maricha hordofaa kan turan Ministeera Dhimma Alaatti daayreektarri dhimmoota Afrikaa obbo Akliiluu Kabbadaa ibsaniiru.

Preezdaant Alaasaanee Ootaaraan Mootummaan Ityoophiyaa mootummaa seera qabeessa ta’uu kan amanan ta’uu himaniiru.

Ejjennoon Ityoophiyaas sirrii ta’uus eeraniiru.

Giddu seentummaa fi dhiibbaa hin malle Ityoophiyaarratti taasiifamaa jiru kan hin fudhannee fi biyyattii waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu turtii Preezdaant Saahilawarq walinn taasiisaniin ibsaniiru.

Kootdiivaayeer Miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yoo taatu, qabiinsa mirga namoomaa Ityoophiyaa ilaalchisee tibba darbe Yaa’ii dhaabbatichi yaamerratti sagalee hin laanne.

Maddi:- EBC

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.