Fana: At a Speed of Life!

Dhorkiin Viizaa hoggantoota hojii Ityoophiyaarra kaa’ame fudhatama kan hin qabnedha- Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Caamsaa 16, 2013 (FBC)- Dhorkiin Viizaa hoggantoota hojii Ityoophiyaarra kaa’ame murtoo fudhatama  hin qabnee ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Ministeerichi bulchiinsi Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidaan Viizaa hoggantoota Ityoophiyaarra murtoo dhorkii kaa’uun dabarsuun isaa ni yaadatama.

Ministeerichi ibsa baaseen Ityoophiyaa fi Ameerikaan dhimmoota waloorratti wayita waliin hojjechuu eegalanitti murtoochi darbuu ibseera.

Hariiroo baroota dheeraa Ityoophiyaa fi Ameerikaa kan yaadachiisee ibsichi, dhorkii Viizaa dabalatee tarkaanfiiwwan biroon hariiroo seenaa qabeessaa biyyoota lamaanii miidhuu akka danda’uu ibseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.