Fana: At a Speed of Life!

Dhorkiin Viizaa Ameerikaa hariiroo biyyoota lamaanii giddugaleessa kan hin taasifneedha-Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC)- Ameerikaan Dhorkiin Viizaa hoggantoota Ityoophiyaarra keessee hariiroo baroota dheeraa biyyoota lamaanii giddugaleessa kan hin taasifnee fi naannichaa haala hin barbaachifne keessaa kan galchuu ta’uu Ministeerri Dhimmi Alaa ibseera.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii haala waqtaawaa biyyarratti ibsa laataniiru.

Ibsichaan dhimmoota siyaasa, dippiloomaasii fi dhimmoota lameeniirratti kaasaniiru.

Inni olaanaanis tibba kana bulchiinsi preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidaan hoggantoota olaanoo Ityoophiyaarra dhorkii viizaa ka’amee hariiroo seenaa qabeessaa biyyootaa lamanii kan giddugaleessaa hin taasifnee ta’uu ibsaniiru.

Kanarra darbees murtichi naannicha  haala hin barbaachiifnee keessaa akka galchuu ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi ibsa isaaniitin, Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ergamaa addaa Ingiliiz akkasumas ministira ministeera dhimma alaa Noorwaayii fi bakka bu’aa Gaanfaa Afrikaa waliin mari’achuun isaanii eeraraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.l’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.