Fana: At a Speed of Life!

Dhorkii odeeffannoon dhamaatii ogeeyyii miidiyaaleerra gahu hiikuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Dhorkii odeeffannoon dhamaatii ogeeyyii miidiyaaleerra gahu hiikuuf wixineen qajeelfamaa qophaa’ee gara hojiitti galuuf ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshiinii Salaamaawit Kaasaa turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin Miidiyaaleen hojiilee qorannoo irraa eegamu akka hojjetanii fi odeeffannoo uummata biraan akka ga’aniif mootummaa bira kutannoon jiraatus yaa’iinsa odeeffannoorratti rakkooleen kaleessa turan har’as jiraachuu eeraniiru.

Hoggantoonnii fi dhaabbileen baayyinaan bakkichaaf haaraadha, ana hin ilaallatu jechuunii fi sababoota biroo dhiyeessuun miidiyaaleef rakkoo ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo kana hambisuuf wixinee qajeelfamaa qophaa’erratti mariin taasifamee hojiirra oolmaaf qophii ta’uu kaasaniiru.

Qajeelfamichi sadarkaa federaalaarraa kaasee hanga sadarkaa kominikeeshinii gadiitti hariiroo kan uumu ta’uu ibsuun ogeeyyiin sabquunnamtii dhaabbilee isaanii akka  ittiin beeksisanii fi carraa hariiroo miidiyaalee waliin qaban ittiin cimsatan kan uumu ta’uu himaniiru.

Afawarq Alamuutu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.