Fana: At a Speed of Life!

Dhorkamni Viizaa Ameerikaan keesse tarkaanfii imaammata dirqiin jijjiirsiisuuf fudhatameedha jedhame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC) – Dhorkamni Viizaa Ameerikaan aanga’oota Ityoophiyaarra keesse tarkaanfii imaammata dirqiin jijjiirsiisuuf fudhatame ta’uu beektoonni ibsan.
Naannoo Tigraayiitti sarbama mirga namoomaa kabajachiisuuf mootummaa tattaaffii taasiisaa jiru deeggaruurra qoqqoobbii kaa’uun giddugaltummaa ta’uu Hayyoonni Nageeyaa, Tasgabbii fi Saayinsii Siyaasaa turtii Faanaa Broodkaasitiing Korporeet waliin taasiisan ibsaniiru.
Mootummaan tokkummaa keessoo jabeessuun faayidaa Ameerikaa osoo hin taane faayidaa lammiilee biyyattii dursuun tarkaanfii fudhatu cimsee itti fufuu akka qabu Gorsaan dhimma Nageenyaa Dooktar Masaay Hagosii fi Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa Dooktar Mogos Girmaan ibsaniiru.
Tarkaanfiin Ameerikaa kun dhiibbaa odeeffannoo dogongoraan ta’uu akka danda’u himaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaan sarbama mirga namoomaa kabachiisuuf murannoo qabu agarsiisaa jiraachuus hayyoonni kunneen ibsaniiru.
Haylayyasuus Makonniintu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.