Fana: At a Speed of Life!

Dhoo’iinsa magaalaa Dasseetti muudateen namoota 31 irra miidhaan cimaa fi salphaan qaqqabe

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Dhoo’iinsa magaalaa Dassee naannoo dhaaba Hoolaa jedhamutti muudateen namoota 31 irra miidhaan cimaa fi salphaan qaqqabuu Poolisiin magaalichaa beeksiise.
Dhoo’iinsa guyyaa har’aa naannoo sa’aatii 5:30 irratti magaalaa Dassee iddoo addaa dhaaba Hoolaa saalaayish jedhamuun beekkamutti muudateen miidhaan kun qaqqabuu ibsameera.
Namoonni sababa dhoo’insichaan miidhaman yaallamaa jiraachuu ibsameera.
Hanga ammaatti lubbuun namaa darbe kan hin jiraannee fi miidhaa qaqqabeen Hooloonni 15 du’uu isaanii ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.