DhMG tattaaffii Itiyoophiyaan nageenya naannawaaf taasistu akka deeggaru ibse
Finfinnee, Sadaasa 16, 2017 (FBC)- Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii tattaaffii Itiyoophiyaan nageenya naannawaa fi Idil Addunyaaf taasistu akka deeggaru Itiyoophiyaatti Qindeessan Deeggarsa Namoomaa fi Gargaaraa Barreessaan Dhabbatichaa Dooktar Raamiiz Alaakbaaroov ibsan.
Koonfiraansiin Nageenyaa Sadarkaa Ardii mata duree “Afrikaa badhaatee fi nagaa haa ijaarru” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Dooktar Raamiiz Alaakbaaroov, koonfiraansichi Itiyoophiyaa qofaaf utuu hintaane biyyoota Gaanfa Afrikaa fi Ardittiif murteessaa ta’uu himuun, dhaabbanni isaaniis tattaaffii Itiyoophiyaa kan deeggaru ta’uu himan.
Nageenyaa fi tasgabbii Addunyaa mirkaneessuuf nageenya Afrikaa eeguun murteessaa ta’uun walta’iinsaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.
Komishinarri Siyaasaa, Nageenya fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Baankoolee Adiwoyee gama isaaniin, nageenya fi tasgabbii naannawaaf Itiyoophiyaan gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Galmoota misooma waaraa Afrikaa milkeessuuf nageenyii fi tasgabbii mirkaneessuurratti xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Gama kanaan Itiyoophiyaan nageenya naannawaas ta’e ardittiif gumaacha taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa walitti bu’iinsa kutaa Kaaba biyyattiitti mudatee ture furuuf kutannoo argisiiseen garasitti nageenyaa fi haqa waaraa mirkaneessuuf hojiileen hojjetaman fakkeenyaa ta’uu eeruu TOI gabaaseera.
Hidhattoonni duraanii hidhannoo hiikkatanii gara hawaasaatti makamuun jireenyaa idilee isaanii akka gaggeeffataniif mootummaan baajataa olaanaa ramaduun hojiitti galuu dinqisiifataniiru.
#Oromia #Ethiopia